08/01/2024
Federaalizimii Sabdaneesa Dhugaa Itoophiyaaf
Federaalizimiin sirnoota biroo caalaa garaagarummaa keessummeessudhaan filatama.
Biyyoota eenyummaa hedduu qabaniif gaaffii mirga eenyummaa kabajuu fi mirga ofiin of bulchuu jedhu deebisuun tokkummaa biyyaalessaa eegee itti fufsiisuf caasseffamni kuni sirnoota biroo caalaa filatamaa.
Fedhii fi humna dinagdee guddaa guuttachuu fi gabaa bal’aa uumuudhaan dorgomaa ta’uufis sirni kuni akka furmaataatti gargaara.
Gama biraatin, dhimma nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessufis filatamaa yoo ta’u biyyoonni lamaa fi sana ol turan waraana irra deddeebiin gidduu isaanitti uumamaa ture hambisuu fi haleellaa biyyoota biroo irraa itti dhufu qolachuu fi gamtaa waloo ijaarachuuf kan itti gargaaramaniidha.
Akkasumas, Biyyoonni bal’ina teessuma lafaa guddaa qaban tajaajila mootummaa dhiyeenyatti uummata biraan ga’uuf caaseffama federaalaa filatu.
Keessumaa biyyoota akka Itoophiyaa sabdaneessa ta'anii fi duudhaa waliin jireenyaa dilbii qaban kanatti sirni federaalizimii caaseffama mootummaa biroo caalaa eenyummaa ilaalchisee gaaffiwwan ka'aniif deebii gahaa kennuuf kan gargaaru, dimokiraasii mirkaneessuf carraa kan uumuu ta’uu isaatin kanneen biroo caalaa filatamaa taasisa.
Paartiin Badhaadhinaas hundeeffama isaarraa eegalee heddumina sirnaan keessummeessun federaalizimii biyyoolessaa dhugaa qabatamaan hojiirra oolchuun gaaffii ka'aniif deebii kennuun mirkaneessaa jira.