21/07/2025
Yaa Obboleessa kiyya Yaa Obboleettii Tiyyaa Yaa Shabaaba Islaamaa Rasuullii Rabbii Sallaallahu Aleyhi Wasallam Gaafa Daara Duniyaa Kanarraa Godaanan Masjida Rabbii Akka Inni Hin Onne Amaanaa Sitti Keenaniin Deemaan Kanaafuu Osoo Ati Fayyaa Qabdu Osoo Ati Nagaa Qabdu Osoo Ati Dargaggummaa Qabdu Amaanaa Rabbii Masjidni Rabbii Sibiraa Onee Shibbirree Fi Saaphuphaa Itti Hin Galin
Yaa Nama Koo Yeroo Tokko Tokko Gaafa Qalbiin Teetun Gara Feete Burraaquu Feetu Seenaa Ambiyootaa Fi Seenaa Asaabotaa Dubbisi Jarreen Gaafa Daara Duniyaa Kana Gubbaa Lubbuun Jiran Akkasuma Kan Jireenya Isaanii Keessatti Wanni Hundi Guutamteefii Qabeenyaan Bareedumaan Quwwaan Waan Hundaanuu Badhaadhanii Akka Barbaadan Jiraachuu Danda,an Akka Fedha Lubbuu Isaanitiin Hin Hogganamne Irra Ijjatanii Jabeessanii Qabanii Akka Qur'aanni Rabbii Jedhetti Bulanii Rabbii Isaanitiin Najaa Bahanii Jannata Isaa Shakki Tokko Malee Badhaafamanii Ittiin Qanani,aa Jiru Nuti Miskiinni Waa Takkaan Jaran San Hin Geenne Maal Goona Akkaataa Qur'aanni Rabbii Jedheen Faallaa Deemnee Lola Rabbii Ofirratti Banna