02/10/2026
Inshuraansiin Oromiyaa Jala Bultii Ayyaana Irreechaa 2019, Waajjirasaa Muummeetti Kabaje.
Inshuraansiin Oromiyaa jala bultii ayyaana Irreechaa 2019, bakka hooggantoonni olaanoon dhaabbatichaa, keessummoonni, hojjettoonni akkasumas, maamiltoonnisaa argamanitti sirna ho’aa ta’een kabajeera.
Sagantichi eebba maanguddootaan erga saaqameen booda, haasa’a baniinsaa kan taasisan itti aanaa hoji-raawwachiisaa (Chief Operations Officer) Inshuraansii Oromiyaa kan ta’an Obbo Taammanee H/Maariyaam, Uummata Oromoo bal’aafi hirmaattota Irreechaa maraaf ergaa baga geessanii erga dabarsaniin booda, Irreechi calaqqee nagaa, jaalalaa, tokkummaafi dhiifamaa ta'uu isaa yaadachiisuun, qajeeltoowwan Irreechaa kunneen aadaa hojiifi tajaajila Inshuraansii Oromiyaa waliin kan wal-simatan ta'uu ibsaniiru.
Itti dabaluunis, “Inshuraansiin Oromiyaa hojjettoota, maamiltootaafi qooda fudhattoota hunda jidduutti obbolummaa, tokkummaafi walitti dhufeenya barame daran cimsee, faajjii milkaa’inoota argamanii qabachuun, dhugoomina mul’ata dhaabbatichaaf hojjetaa jira.” Jedhan.
Xumurarrattis Obbo Taammaneen, Ayyanni Irreechaa bara kanaa ayyaana itti guddummaan, jaalalliifi tokkummaan biyyaa akkasumas, milkaa’inni Inshuraansii Oromiyaa itti danboobu akka ta’u hawwii qaban ibsuun yaadasaanii goolabaniiru.
Baga Ayyaana IrreechaaNagaan geessan!
Inshuraansii Oromiyaa
ኦሮሚያ ኢንሹራንስ የ2019ን የኢሬቻ በዓል ዋዜማን በዋና መስሪያ ቤቱ አከበረ
ኦሮሚያ ኢንሹራንስ የ2019 የኢሬቻ በዓልን ዋዜማ የኩባንያዉ ከፍተኛ የስራ አመራሮች፣ እንግዶች፣ ሰራተኞች እና ደንበኞች በተገኙበት በደማቅ ሁኔታ አክብሯል።
የበዓሉ አከባበር በሽማግሌዎች ምርቃት በተከፈተበት መድረክ ላይ፣ የኦሮሚያ ኢንሹራንስ ቺፍ ኦፕሬሽን ኦፊሰር አቶ ታመነ ኃ/ማርያም ባደረጉት ንግግር ለመላዉ የኦሮሞ ህዝብ እና ለሀገራችን ህዝቦች እንኳን የ2019 ዓ.ም የኢሬቻ በዓል በሰላም አደረሳችሁ በማለት፣ ኢሬቻ የምስጋና ፣ የአንድነት ፣ የሰላም ፣ የፍቅር እና የአብሮነት በዓል ነዉ ሲሉ ገልፀዋል፡፡
አክለውም፣ "ኦሮሚያ ኢንሹራንስ እንደእሴቱ በሁሉም ሰራተኞች፣ ደንበኞች እና ባለድርሻ አካላት መካከል ያለውን ወንድማማችነት፣ አንድነት እና ግንኙነት ይበልጥ በማጠናከር የኩባንያውን ራዕይ እውን ለማድረግ እየሰራ ይገኛል" ብለዋል።
በመጨረሻም፣ የዘንድሮው የኢሬቻ በዓል ለሀገሪቱ ታላቅነት፣ ፍቅር እና አንድነት እንዲሁም ለኦሮሚያ ኢንሹራንስ የስኬት እንዲሆን ያላቸውን ምኞት ገልፀዋል።
መልካም የኢሬቻ በዓል!