02/06/2026
Baankiin Siinqee Ministeera Hojii fi Ogummaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee wal-hubannoo mallatteesse.
Baankiin Siinqee tajaajila faayinaansii hunda galeessa maamiltoota isaatiif kennu cinaatti, carraa hojii uumuu fi hojii-dhabdummaa hir’isuu irratti itti gaafatamummaa hawaasummaa isa irraa eegamu bahachaa kan jiru yoo ta’u, Baankichi hojii kana daran cimsuu fi bal’inaan raawwachuuf kan isa dandeessisu waliigaltee wal hubannoo (MoU) Ministeera Hojii fi Ogummaa waliin Caamsaa 25, 2018 tti waajjira Ministeerichaatti mallatteesseera.
Waliigalteen walhubannoo kun carraa hojii uumuu, dandeettii fi ogummaa lammiilee guddisuu, hojii-dhabdummaa hir’isuu, humna namaa gahumsa qabu horachuu fi guddina dinagdee hunda galeessa deeggaruuf hojiiwwan waloo irratti waliin hojjechuuf kan kaayyeffate dha.
Waliigalteen kun Pirezidaantii Baankii Siinqee Obbo Nawaay Magarsaa fi Ministira Ministeera Hojii fi Ogummaa Itiyoophiyaa Aadde Muufariyaat Kaamiil akkasumas hoggaantootni olaanoon dhaabbilee lammeenii bakka argamanitti mallattaa’eera.
ሲንቄ ባንክ እና የኢ.ፌ.ዲ.ሪ ሥራና ክህሎት ሚኒስቴር አብረው ለመስራት በሚያስችላቸውን የመግባቢያ ሰነድ ተፈራረሙ
ሲንቄ ባንክ ከሚሰጠው የፋይናንስ አገልግሎት ባሻገር የዜጎችን የስራ እድል በማስፋት ሰራ አጥነትን ከመቅረፍ አንጻር ጉልህ ሚና እየተወጣ ያለ ባንክ ሲሆን ባንኩ ይህንኑ ስራ ይበልጥ ለማጠናከር የሚያስችለውን የመግባቢያ ስምምነት ዛሬ ግንቦት 25 ቀን 2018 ዓ.ም ከኢ.ፌ.ዲ.ሪ ሥራና ክህሎት ሚኒስቴር ተፈራርሟል፡፡
በሚኒስቴር መ/ቤቱ ቢሮ የተፈረመው የመግባቢያ ሰነድ የሥራ ዕድሎችን ለማስፋት፣ የዜጎችን የሥራ ክህሎትና ብቃት ለማሳደግ፣ እንዲሁም ሥራ አጥነትን ለመቀነስ በጋራ የሚከናወኑ ፕሮግራሞችንና ተግባራትን ለማጠናከር ያለመ ሲሆን፣ በሁለቱ ተቋማት መካከል የሚኖረውን ትብብር ወደ ከፍተኛ ደረጃ የሚያሸጋግረው መሆኑ ተገልጧል።
የመግባቢያ ስምምነቱ በባንኩ ፕሬዝዳንት አቶ ነዋይ መገርሳ እና በኢ.ፌ.ዲ.ሪ ሥራና ክህሎት ሚኒስቴር ሚኒስትር ወ/ሮ ሙፋሪያት ካሚል እንዲሁም የሁለቱ ተቋማት ከፍተኛ የስራ አመራሮች በተገኙበት ተፈርሟል፡፡