28/05/2026
Baankiin Gadaa fi Inistiyuutiin Misooma Intarpiriinarshippii Itoophiyaa waliin hojjechuuf walii galtee hojii mallatteessan!
Baankiin Gadaa fi Inistiyuutiin Misooma Intarpiriinarshippii Itoophiyaa Caamsaa 18, 2018, Waajjira Mummee Inistiitiyuutichatti waliigaltee tarsiimaawaa mallatteessaniiru.
Waliigaltee hojii kana Hoji Rawwachiisaa Olaanaa Baankii Gadaa Obbo Waldee Bultoo fi I/A Hoji Raawwachiisaa Inistiitiyuuticha Obbo Boruu Shana yoo ta’an, Sirna kana irratti miseensotni manaajimentii dhaabbilee lamaan irratti argamiiru.
Kaayyoon Waliigaltee kanaa namoota hojii kalaqaa qabaniif dhiyeessi tajaajila faayinaansii, Leenjii ogummaa daldalaa fi Intarpirinarshippii kennun dandeetti kalaqaa jajjabeessuu akkasumas tumsa waloo dhaabbilee lamanii irratti waliin hojjachuu irraatti kan xiyyeefateedha.
Waliigaltee kanarratti Hoji Rawwachiisaa Olaanaan Baankii Gadaa Obbo Waldee Bultoo akka ibsanitti Baankiin Gadaa teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun qaqqabummaa tajaajila faayinaansii si’ataa fi mijaata ta’e, hawaasa bal'aaf dhiyeessuun cinatti hawaasni beekumsa tajaajila faayinansii fi ogummaa daldalaa gahaa akka qabaatu taasisuuf, Leenjii hubannoo ogummaa daldalaa fi Intarpiriinarshippii hawaasa bal’aaf kennaa jiraachuu eeruun,
Waliigalteen kananis baankichi Inistiitiyuuticha waliin ta’uun namoota hojii kalaqaa qabaniif dhiyeessii tajajila fayiinaansii fi leenjii ogumma daldalaa irratti daraan cimsanii kan hojjatan ta’uu dubbataniiru.
I/A hoji raawwachiisaa Inistiyuutii Misooma Intarpiriinarshippii Itoophiyaa Obbo Boruu Shanaa gama isaaniitiin Baankiin Gadaa, lammiileen osoo beekumsa fi dandeettii kalaqaa gahaa qaban sababa hanqina faayinaansiitiin hojii irraa danqamaniif, tajajila faayinaansii dhiyeessuun itti gaafatamummaa biyyaalessaa bahachuuf fedhiin agarsiise aja'iibsisaa ta'uu eeruun, tumsa dhaabbilee lamaanii cimsuun jireenya lammiilee keenyaa fooyyessuuf waliigaltee kana mallateessuu isaaniitti gammachuu qaban ibsaniiru.
Baankii Gadaa
Baankii Dhaloota Haaraa!
ገዳ ባንክ እና ኢንተርፕረነርሺፕ ልማት ኢንስቲትዩት አብሮ ለመስራት የሚያስችል የጋራ መግባቢያ ሰነድ ተፈራረሙ።
ገዳ ባንክ እና ኢንተርፕረነርሺፕ ልማት ኢንስቲትዩት የፋይናንስ አገልግሎቶች አቅርቦትና አተገባበር ላይ የተመሠረተ የመግባቢያ ስምምነት ግንቦት 18/ 2018 ዓ.ም በኢንተርፕረነርሺፕ ልማት ኢንስቲትዩት ዋና መ/ቤት በመገኘት ተፈራርመዋል፡፡
ስምምነቱን የገዳ ባንክ ዋና ሥራ አስፈፃሚ አቶ ወልዴ ቡልቶ እና የኢንተርፕረነርሺፕ ልማት ኢንስቲትዩት ምክትል ሥራ አስፈፃሚ አቶ ቦሩ ሸና የተፈራረሙ ሲሆን በስምምነት ፕሮግራሙ ላይ የሁለቱ ተቋማት የማኔጅመንት አባላት ተገኝተዋል፡፡
የመግባቢያ ስምምነቱ ዓላማ በባንኩ እና በኢንስቲትዩቱ መካከል የትብብር ማዕቀፍ በመዘርጋት ለሥራ ፈጣሪዎች የፋይናንስ ተደራሽነትን፣ ኢንተርፕረነርሺፕ ስልጠና እና ሥራ ፈጠራን በጋራ ለማሳደግ እንዲሁም በጋራ ፍላጎት ባላቸው መስኮች ተቋማዊ ትብብርን ለማጠናከር ነው።
በስምምነቱ ወቅት የገዳ ባንክ ዋና ሥራ አስፈፃሚ አቶ ወልዴ ቡልቶ እንደገለጹት ገዳ ባንክ በቴክኖሎጂ በመታገዝ ምቹ እና ቀልጣፋ የፋይናንስ አገልግሎት በመስጠት የፋይናንስ ተደራሽነትን በማስፋት እንዲሁም ህብረተሰቡ በቂ የፋይናንስ ዕውቀት እንዲኖረው የፋይናንስ እውቀት ማጎልበቻ ስልጠና በመስጠት ሃላፊነቱን እየተወጣ እንደሚገኝ በመግለፅ በቀጣይም ኢንስቲትዩቱ ጋር በመሆን የሥራ ፈጣሪዎች የፋይናንስ ተደራሽነት ላይ የሚሰራቸውን ሥራዎች እንደሚያጠናክር አጽንኦት ሰጥተው ተናግረዋል፡፡
የኢንተርፕረነርሺፕ ልማት ኢንስቲትዩት ምክትል ሥራ አስፈፃሚ አቶ ቦሩ ሸና በበኩላችው ገዳ ባንክ ሥራ ፈጣሪዎች እዉቀት እና ክህሎት ኖሯቸው መስራት እየቻሉ የገንዘብ አቅርቦት አለመመቻቸት ምክንያት ወደ ሥራ መሰማራት ያልቻሉ ዜጎች የፋይናንስ አገልግሎት ተጠቃሚ ለማድረግ እና ሀገራዊ ሃላፊነት ለመወጣት ላሳየው ተነሳሽነት ምስጋናቸውን በማቅረብ ተቋማዊ ትብብርን በማጠናከር የዜጎቻችን ህይወት መሻሻል ላይ ትርጉም ያለዉ ስራ እንደሚሰራ መሆኑን ገልጸዋል፡፡
ገዳ ባንክ
የአዲሱ ትውልድ ባንክ
Follow Gadaa Bank on:
Facebook: https://www.facebook.com/gadaabanksc
Instagram: https://www.instagram.com/gadaabanksc/
LinkedIn: https://www.linkedin.com/company/gadaa-bank-sc
Telegram: https://t.me/GadaaBankOfficial
X: https://x.com/gadaabanksc
Youtube: https://www.youtube.com/-Bank