Ademnovel

Ademnovel Service is all you need.Either provide or Request! �

23/05/2017

# Barataan-Yunivarsiitii tokko barsiisaa isaa kan tahe "piroofeesera,,tokko wajjiin iddoo bashannanaa taa'ee haasawa.
"Piroofeesarichi,, kun barattoota isaa hunda keessaa barataa kana waan sirritti jaalatuuf akka hiriyyaatti godhee ofitti dhiheessa. Osoo taa'anii wajji haasawan fuuldura isaaniitiin hojjataa qulqulleessaa kan tahe namichi tokko kophee isaa baafatee kan biqiltuu fii marga naannoo haara galfannaa sana jiru kunuunsaa jiru argan.
"Barataan,, kun barsiisaa isaatiin akkana jedhe. "Barsiisaa nuti lachuu har'a mukoofnee jirra. Maaliif akkana hin goone? Namicha kana kophee isaa kana jalaa fuunee eega dhoksinee booda yommuu kophee isaa dhabu waan inni tahu maaf hin ilaalle?"
"Piroofeesarichis,, barataa isaa gateettii irra qaqqabaa "Yaa jaala koo hagam tokkoyyuu mukoofnee jiraannus harka qalleeyyii dararaatiin mukuu bahuu yookiin immoo gammaduu hin qabnu. Mee haga san nuti mallaqa qabna waan taheef mallaqa keenya kanaan gammachuu kanaa olii haa barbaannuu! Deemii kophee namicha kanaa keessa osoo inni hin argin mallaqa keessa kaahiiti deebi'i. Sana booda yommuu kophee isaa deebi'ee godhatu waan inni tahu dhokannee wajji ilaallaa jedheen.!!
"Barataanis,, deemee akka barsiisaan isaa jedhe sanatti mallaqa hedduu fuudheetiin osoo namichi isa hin argin kophee namichaa keessa kaayeetiin deebi'e. Sana booda dhokatanii haala namichaa cal jedhanii hordofuu jalqaban.
"Namichis,, dalagaa isaa xumuree kootii isaa godhatee kophee isaa kaawwatuu eegale. Haatahuu garuu kopheen isa quuqee jennaan mulqatee gadi hargufe. Yommuu kophee isaa gadi hargufu mallaqni hedduun keessaa gadi harca'e. Namichi ni rafate. Naannawa isaa yommuu ilaalu eenyuu homtuu hin jiran. Irra deddeebi’ee bitaa fii mirga isaa ilaale. Garuu nama tokkoyyuu arguu hin dandeenye.
Namichis mataa isaa raasee mallaqa guuratee kophii isaa keessatti kaawwate. Sana booda kophee isa lammaffaas yommuu kawwatuuf tahu bifa walfakkaataa taheen mallaqa keessatti argate. Namichi amanuu hin dandeenye!
yoosuu jilbaan lafatti gadi jilbiiffatee morma isaa gara samitti ol qabuudhaan akkana jechuun iyye.
"Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi dhukkubsachuu haadha manaa kootii argiteetii mii. Si malee eenyuu ishee akka hin gargaarre waan beektuufii mii.
"Yaa Gooftaa koo! Kuni hundi ijoolleen koo daabboo nyaatan dhabanii akka rakkatanii jiran argiteetii mii.
"Yaa Gooftaa koo galanni siif haa tahu!" jedhe.
"Baratichi,, yommuu haala namichaa kana dhokatee daawwatuu fii dhagahu onneen isaa ni xuqamte. Ijji isaa imimmaan guurte. "Piroofeesarichis,, akkana isaan jedhe "wanta duratti isa irratti yaadde dalaguun mukuu bahuu fii itti gammaduu barbaadde caalaa isa kanaan akka gammachuu argatte shakkii hin qabu jedheen.❗
"Baratichis,, imimmaan isaa ija irraa haqataa "piroofeeser,, dhugaa isiniin jedha wantoota hanga har'aatti na barsiiftan keessaa kan barumsa akka har'atti na barsiiftanii hin beektan. Dhugaa dha fudhachuu irraa kennuun caaltuu dha" jechuun deebiseef.❤
"Nutis maaloo wantoota gaggaarii qofa haa yaadnuu maaliifuu kheeyriin har'aa bori matuma keenyaaf deebitiiti!

20/05/2017

KABAJNI KAN KEESSAN!!!
Afaan keenya tursuuf
Harka ciramtanii
Aadaa keenya ibsuuf
Harma muramtanii
Akka dungoo cophuun
Ifa nuuf taatanii
Oromummaa tursuun
Kan nutti laattanii
Isiniin dhaadanna
Maqaa keessan kaasnee
Siidaa keessan jala
Tokkummaan dhaabannee
Isin nuuf kennaa dha
Kan waaqni nuuf kenne
Isin nuuf qabeenya
Kan qarshiin hin binne
Akka isin lammii dhaaf
Morma keessan laattan
Gochaa miniilikiin
Akka isin ciramtan
Dirree calanqootu
Galmeeffatee kaa’e
Seenaa aannolee dha
Kan dhiigaan galmaa’e
Qabsoon isin gootan
Tasa hin moofa’u
Jaalalli isin hortan
Yoomuu hin boora’u
Bara baraan ta’a
Seenaan galmeeffamee
Dhalootaaf ni darba
Siidaan ijaaramee!!!!

07/03/2017

!
Gurbaatu chikii jaalate baayye Fonqaan isa rakkise.
Yeroo inni gaafatu ani hiriyaa hin barbaadu jette didde.Booris yo gaafatu ani sumayu hin barbaadu jette of irra ariiti.
Maarre Guyyaa tokko bakka namni heddun jiruti intala kanan yoo ati na diddee Akka Abban koo bara 1965 Godhen of Godha jedhe iyye sagalee isa ol kaase.Ishenis akkas tahu isatti gaddite tole jette waliin bulti uuman .Eerga wal-fudhani booda guyya tokko Abban ke bara 1965 maal ofgodhe jette gaafate.Innis xiqqoo kolfe ‘chiki inni jaalatu tokkotu isa didnan ishee dhise kan bira fudhe’ akkas gochufin ture jedhenii jedhama.
Source: Robert Mugabe FB page.

Address

Shanghai

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ademnovel posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share