08/10/2026
๐บ๐๐
๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ (๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐) akkaataa cimina isaanii, dandeettii hojii (performance), fi jabeenya qaama isaaniitti bakka gurguddoo shanitti qoodamu:
1. ๐บ๐๐
๐๐๐๐๐ ๐ฑ๐๐๐๐๐๐๐ (๐ฌ๐๐๐๐-๐ณ๐๐๐๐)
=>>Cimina/Dandeettii: Bilbilloota kana hojiiwwan salphaaf kan hojjetamanidha (bilbiluuf, ergaa barreessuu fi interneetii salphaa fayyadamuuf). Processor fi RAM isaanii xiqqaadha. Qaamni isaanii irra caalaa pilaastikii irraa hojjetama.
Fakkeenya: Samsung Galaxy A0-series, Tecno Pop, Itel, Redmi A-series.
2. ๐บ๐๐
๐๐๐๐๐ ๐ฎ๐๐
๐
๐-๐๐๐๐๐๐๐๐๐ (๐ด๐๐
-๐น๐๐๐๐)
Cimina/Dandeettii: Gatiin isaanii madaalamaa ta'ee, tajaajila gaarii kennu. Kaameraa qulqulluu, baatirii cimaa, fi dandeettii application gurguddoo (geemii giddu-galeessaa dabalatee) haala gaariin hojjechiisuu qabu.
Fakkeenya: Samsung Galaxy A-series (A34, A54, A*5), Redmi Note series, Tecno Camon, Infinix Note.
3. ๐บ๐๐
๐๐๐๐๐ ๐ถ๐๐๐๐๐๐ (๐ญ๐๐๐๐๐๐๐ / ๐ท๐๐๐๐๐๐)
Cimina/Dandeettii: Bilbilloota sadarkaa kanaan teknooloojii ammayyaa fi qaama baay'ee cimaa qabu. Bishaan fi awwaara hin seensisan (Water/Dust resistant - IP68). Fuulleen isaanii dafee kan hin cabne (Gorilla Glass), kaameraan isaanii qulqullina olaanaa fi processor baay'ee ariifataa qabu.
Fakkeenya: Apple iPhone (Pro/Pro Max), Samsung Galaxy S-series (S23, S24 Ultra..), Google Pixel.
4. ๐ฉ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ฑ๐๐๐๐๐๐๐ (๐น๐๐๐๐๐
๐ท๐๐๐๐๐)
Cimina/Dandeettii: Bilbilloonni kunniin addatti haala ulfaataa fi iddoo hojii jajjabaa (fkn. lafa ijaarsaa, bosona) keessatti akka hin cabneef hojjetaman. Kufaatii hamaa, bishaan keessa turuu, fi dhoqqee ni damdamatu. Baatirii baay'ee guddaa fi yeroo dheeraa turu qabu.
Fakkeenya: CAT Phones, Ulefone Armor, Doogee, Oukitel.
5. ๐ฉ๐๐๐๐๐๐๐๐๐๐ ๐ป๐๐๐๐๐๐ ๐ฏ๐๐๐๐๐๐๐๐๐ (๐ฎ๐๐๐๐๐ ๐ท๐๐๐๐๐)
Cimina/Dandeettii: Cimina addaa geemiiwwan (games) guguddoo taphachuuf kan qophaa'anidha. Saffisa bilbilaa (Processor & RAM) isa dhumaa fi sirna of qabbaneessu (cooling system) kan qabanidha.
Fakkeenya: ASUS ROG Phone, RedMagic, Black Shark.
=>>Bilbila bitachuuf yoo yaadde, bilbilichi hojii akkamiitiif akka siif barbaachisu (fakkii kaasuuf, taphaaf, hojii humnaa iddoo ulfaataatti hojjechuuf ykn hojii salphaaf) adda baafachuun filachuun gaariidha.
Galatooma Oddeffannoon kan Bira akka isin qaqqabuuf Kara liinkii keenya armaan gadii Seena Join fi subscribe Tasiisaa
Join Our Channel
Youtube ๐https://www.youtube.com/-Tech
Telegramii๐https://t.me/adutechn
Tiktok ๐ www.tiktok.com/
ยฉ๏ธAdu Technology