Nu walif Nejo free service association

Nu walif Nejo free service association Dadhaboota gargaaruu keessaa qooda qabaadhaa
CBE 1000430296365
Awash 0132253494000

25/08/2025

Namni kun deggaramuu qaba

24/08/2025

Ammas Barattootni fi Rakkoo gara garaa keessa kan jiran gara keessan eegaa jiru

15/08/2025
Maatii tola ooltummaa Nu waliif Najjoo /Nu walif nejo free service association/biyya keessaa fi alaa kan taatan hundi na...
14/08/2025

Maatii tola ooltummaa Nu waliif Najjoo /Nu walif nejo free service association/biyya keessaa fi alaa kan taatan hundi nagaan isiniif haa baayyatu
Jechaa dhaamsa tokko qabna share waliif godhaa nu bira dhaabbadhaa

Waldaan tola Ooltummaa Nu waliif Najjoo erga hundeeffamee hojii isaa hojjechaa yeroo dheeraa lakkoofsisee jira
Innis akkuma kanaan dura dadhaboota gargaaruu irratti xiyyeeffatee hojii boonsaa hojjechaa turuuniifi ammas kan itti jiru yemmuu ta'u yeroo ammaa kana immo bifa addaan hojii isaa hojjechuu irratti argama
Haaluma kanaan yeroo ammaa kana bara haaraa fuula keenya dura jiru kanatti dadhaboota deggaruuf Barattoota Harka qalleeyyiif deggarsa gochuuf qophii irra jira
Maarreen Namoonni bakka gara garaa jirattan kanaan dura nu cina dhaabbattanii hojii gaarii kana hojjechaa turtan fi namoonni nu cina dhaabbachuuf fedha qabdan
Account kana irratti Dabtara fi qalama barataa tokkoof yoo bitne gaariidha.

CBE 1000430296365
Awash 0132253494000
Galatoomaa
Waldaa tola ooltummaa Nu waliif Najjoo
Share , like , Follow nu gochuu in dagatinaa

Solomon/Amansiisaa Deggaruu kan barbaaddan1000273225742 commercial bankAmansiisaa Ooginaa Jaleta
27/02/2024

Solomon/Amansiisaa Deggaruu kan barbaaddan
1000273225742 commercial bank
Amansiisaa Ooginaa Jaleta

Hojii uumuu Akkuma beekamu waldaan tola ooltummaa Nu waliif Najjoo akkasumas kan Ebbise Gammachuun hoogganamu yeroo dhee...
18/01/2024

Hojii uumuu
Akkuma beekamu waldaan tola ooltummaa Nu waliif Najjoo akkasumas kan Ebbise Gammachuun hoogganamu yeroo dheeraaf deggarsa harka qalleeyyiif karaa garagaraa magaalaa keenya keessatti hojjetamaa jira.
Maarree akkuma kanaan hojiin Kun caalaatti bu'a qabeessa akka ta'uuf karaalee harka qalleeyyiin Kun ittiin of danda'anii hojiitti galan irratti yeroo dheeraaf yaada Wal jijjiiraa fi mari'achaa turre jirra
egaan Nama yeroo hundumaa deggaruu irra waan inni ittiin of deggaru uumuufiin barbaachisaa akka ni beekama.
Nutis kana bu'ura godhachuudhaan
Namoota kana keessaa namoota hojii hojjechuu danda'an barbaannee erga qoranneen booda, yoo xiqqate namoota 30 oliif carraan hojii akka uumamuuf murteessinee hojjechaa jirra.
haaluma kanaan namootni Kun hojii isaanii keessatti bu'a qabeeyyii akka ta'aniif karaa Kolleejjii Qonnaa Najjoo Leenjiin barbaachisu haala gaariin kennamaafii turee jira.
akkasuma illee Karaa hojiin Kun ittiin milkaa'u irratti dadhabanii nu waliin hojjechaa kan jiran Obbo Amantii Gammachuu,akkasumas Leenjii kan nuuf keennan K/Qonnaa Najjoo fi akkasumas karaa garagaraa yaada fi deggarsa barbaachisu kan nuuf gootan hundi galatoomaa isiniin jenna.
Amma illee deggarsi keessan waan nu barbaachisuuf akka nu bira dhaabbatan isiniin jenna.

BooranaaWaldaan tola ooltummaa nu waliif Najjoo kanaan dura dadhaboota hedduu,daa'imman daandii gubbaa jiraataniif rakko...
04/03/2023

Booranaa
Waldaan tola ooltummaa nu waliif Najjoo kanaan dura dadhaboota hedduu,daa'imman daandii gubbaa jiraataniif rakkoo hedduu qaban deggeraa jajjabeessaa turte ammas itti jirti
yeroo ammaa kana immoo Uummata booranaa hongeen miidhamaniif deggersa uummata ishee irraa walitti qabuuf Qophii xumurtee jirti kanaaf Akka magaala keenyaatti biyya kam illee kan jirtan deggersa namoomaa Booranaaf Akka gootan Jaalalaan isin gaafanna
kan biyya garaagaraa jirtaniif Account Bank suuraa kana irra jiruun nu qunnamaa
Nu walif free service Association
Nutu waliif jira

   Waldaan tola ooltummaa Nu waliif najjoo akkuma beekamu hojii inni qabatee ka'e keessaa ijoollota Daandii  gubbaa jira...
11/10/2022


Waldaan tola ooltummaa Nu waliif najjoo akkuma beekamu hojii inni qabatee ka'e keessaa ijoollota Daandii gubbaa jiraatanii fi ijoollota harka qalleeyyii maatiin barsiisuu hin dandeenye barsiisuu kan ta'e yeroo ammaa kanas jechuun bara 2015tti barattoota 80 ol ta'aniif dabtaraaf biirii kennee gara mana barnootatti geessuun barnoota eegalchiisee Jira
Hojiin ittuma fufa

Address

Nejo

Telephone

+251577741440

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nu walif Nejo free service association posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share