Obsee page

Obsee  page Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Obsee page, Awetu, Jimma.

02/09/2025

guddaa 👇
⛂Mucaa tokko Abbaa isaattu du'e namni tokko isaa waliin hin deemne reeffa awwaaluu:- baadiyya buusee abbaa isaa awwaaluuf dachii qotuu eegale...
Ni arge namtichi warra baadiyyaa re'ee tiksu tokko dhaqee bira gahee ni gaafate
اين الناس"
Meerre ummanni: kan abbaa kee qofaa awwaaltu?
Ilmi waan abbaa isaa himuu hin feene jecha tokko jechuu eegale.........
لا حول ولا قوه الا بالله"
Laahuwla walaa quwwata illaa billaa. jechaa qabrii abbaa isaa qofaa qota
Namtichi baadiyyaa sun gargaaruu eegale ni awwaalan harka isaa ol qabee icitiidhaan du'aa'ii godheef namtichi warra baadiyyaa kun san booda ilma namticha du'ee kana achumatti dhiisee gara re'ee isaa deeme......
Halkan san ilmi abbaa arge manaamaan abbaa isaa kan kolfaa jiru gammachuudhaan jannata firdoowsiin keessatti ni gaafate ilmi abbaa yaa abbaa maaltu mana kee achii siif godhe sababni maali??
Abbaan ni jedheen du'aa'ii namticha baadiyyaa san siwaliin qabrii tiyya qotee na awwale sani jedheen
mucaan ajaa'ibee barbaaduu eegale baadiyyaaf gaara bahe bu'ee hanga argatu takkatti argee gaafate
Ni gaafate rabbumaan naaf himi du'aa'ii akkam gooteef abbaa kiyyaaf qabrii keessatti?
فقد رايته في الفردوس الاعلى
Firdoowsii ol aantuu keessattin isa argee?
Ni deebiseef ``a'araabiin´´ ykn namtichi baadiyyaa re'ee tiksu sun:- yaa ilma kiyya akkuma gabrichi rabbiin du'aa'ii kadhatuttin kadheef
yaa rabbii keessummaan kun sibira dhufe ana bira silaa dhufee niin keessummeessa ani arjaadha:-
Ati garuu arjaadha arjaa arjaarraati ati akkaan arjaadhaa ati hunda caalaa arjoomta kanaaf keessummaa sibara dhufaa jira kanaa arjoomi araaramiif jedhee rabbiin kadheef
Yaa rabbii qaama keenya Azaaba qabriii jalaa
ibidda jahannam jalaa najaa nubaasi
Yaa rabbii warra ummanni gaggaariin ""du'aa'ii"" godhaniif nu taasisi
yaa rabbii jannata al firdoowsiin nu galchi
آآآآآآآآآآمييببببن
Allaahumma AMIIIN
Yoo dubbiftee geessifte barreefama kana waan ajrii itti argattuun cufi fkn
Tasbiihaan
Aayataan

30/08/2025

Hallayyaattis darbanii
Siifuu gaara nageessuu
Akkamiinan dagadha
Miixuu gaafa nadeessuu!
Ji'a sagal guutuudhaaf
Garaa keetti na baattee
Xurree du'aarra deemtee
Naafimmoo lubbuu laatte!
Anaan yaa harmeekoo
Abshiruu yaa Aayyoo
Sin qanansiifadha
Ga'ee galma kaayyoo
Ciiftee gad hin boqonne
Obboroo bariin kaatee
Anaan nama gochuudhaaf
Ofiif namummaa baate!
Dubbatamee hin dhumu
Oolmaa keetu kitilaa
Siif rabbiin har'a geenye
Akka namaaf mitilaa!
Umuriidhaan naaf turi
Harmee kiyya yaa deessee
Si soorti ilmaan kankee
Gaafa galmashee geesse!🥺
Yarabi galman naga ii yallah😭

28/08/2025

“Yaa ilma kiyya Akka Rabbii keetirraa qaanfattuun siif dhaama.”
Kuni dhaamsa Abbaan ilma isaatiif dhaamerraahi.
maaltumaatu dhaamsa kana akkanatti bareeche osoo nama hiikkaa isaa xinxalu taane.
Namni Rabbirraa qaanfatu ija isaa haraam irraa tiiyfata ,gurra isaa haraam dhaggeeyfachuu irraa tiiyfata ,arraba isaa haraam dubbachuu irraa tiiyfata.
Garaa isaa haraam nyaachuu irraahi tiiyfata.
Miila isaatiin gama haraam deemuu irraahi qaanfata.
Du’aa fi ganda qabrii san yaadata.
Aakhiraa fi guyyaa Rabbi dura dhaabbatu san yaadata.
Lubbuu Rabbirraa qaanfattu maaltumaatu akkanatti bareeche..!!
Guyyaa Tokko Sa’iid ibnu Yaziid gama Rasuulaa ‎ﷺ dhufeeti yaa Ergamaa Rabbii dhaamsa naaf dhaami ja’een..
Rasuulli ‎ﷺ akkana isaan ja’e “Akka gurbaa gosa tee keessatti kabajaa qabu irraa qaanfattutti Rabbii keetirraa akka qaanfattuun siif dhaama ja’een.”
•Sahiih Al Jaami’i 2541.
Ibnu Jariir akkana ja’a “Dhaamsi Rasuulli dhaame kun irra caalaa dhaamsaati ,namni badii dalagu ka fadhelleen namni inni kabaju warri kheeyriidha akka isaa hamtuun san dalagu argu hin jaalatu.
Gabrichi oggaa akka nama kabajuu irraa qaanfatutti Rabbii isaa irraa qaanfate dilii mul’attuu fi dhokattuu irraahis ni fagaata…yaa bareedina dhaamsa maaltumaatu akkanatti bareeche ja’e.”☝️

27/08/2025

"ad ibnu mu"az.👇
•guyyaa amane umriin saa amata 30.
•guyyaa du"e umriin saa amata36.
•amata 6 qofa islaamummaa kessatti ture.
•guyyaa inni du"e arshii rabbituu sossohe.
•maleeyka kuma 70 tu gama qabrii isa gaggeeyse.
•yeroo qabrii saa qotaan shurufkaa miskiitu ol bahe.
Yeroo inni du"ee:
rasulatti dhufeeti ;
Gabrichi gaarin arra du"e kun eenyu ?
Hulaa samiitu Isaaf baname
Arshii rabbitu Isaaf sossohee ja’een.!!
(saw) eenyu akka tahe hubachuuf gad bahe:
Sa"ad jechuu yeroo itti himan.
Sahaaboota isaatin :
Daddafaa nuun deema Jaen.
binu abdillahi akkana ja’a
rasulli ni bahe nutis wajjiin baane hanga Figiinsa rasuulli fiigee jarjarurra
Kopeen nurraa baatu takkatti.!!
jarjaraa isaa kana ajaa'ibanii gaafatan
Inniniis "maleeykan nu dura dabartee akka hanzala dhiyxetti isa dhiquun sodaadhe Jaen"
yeroo mana gahuu
Sa"ad du"e jira .
haati isaa gubbaa teeyse boochi.
Rasuulli (saw) akkana ja"e:
"Cuftummaan namaaf boochu ni kijibdi haadha sa"ad malee"
Eegana gama qabritti isa ba"atan.
Yeroo qabrii keessa kaayan rasuulli allahu Akbar ja"e.
Sahaabonninis allaahu Akbar jala ja’an maalif akka raduulli takbiirta godhe osoon beeyne.
(saw) akkana ja"e:
"Qabriin obboolessa kessanitti rakkatteeti walitti hacuucxe.
osoo namni takka nagaya irraa bahe sa"adiitu ngy irraa baha."
Eegana rabbin qabrii ni bal'isef
qabrii saarra deeman ijji rasuula imimmaan dhangalaaste hanga areeda saa imimmaan jiisutti.
Ammaas akkana ja"e:
Gabricha gaari kana
Ka arshiin isaaf sossoote
Ka hulaan samii Isaaf banamte
Ka maleeykaan kumni 70 isa gaggeeysan ka takkaa gama dachii hin bu'in achiin duratti
Qabriin isa wali qabdeeti eegana irraa banamte.
Gaafiin ; Amata 6 keeysatti maal dalageeti rabbiin dila kana isa kabaje.!!

25/08/2025

😇 Duubatti jetta jedhee👇 sodaadhe....siif dhaaamuu..?!!
🪐Yeroo kamuu kan si yaachisuu qabu .....👇🏾
🍁Dalagaa boru kiyya naaf ulfeessitu dalagadhee jiraa...?osoo bultiin tiyya tan har'aa qabrii taate...offalaa?
🍁Har'a ani warra nagada tirfii qabdu kan yoo laalan duubee fakkaattu garuu boru galata guddaa baattee dhuftu naggadatan irraa qooda qabaa jettee if gaafatuutu si yaachisuu qaba.
🍁 Waan daleydu view,like follow namaa barbaachaaf hin hojjatin... gaafa gubbaa sanirraa rabbi sirraa si ..... osoo ati hin barbaadin gochaa fi jechi kee hattan atis jaalatamtuu namaa taatee argamta ilma namaa biratti.
🍁Haga dandeettuun diin keetiif hojjatuu yaali,warra diin rabbii tumsuuf galgalaa,ganama dhama'an wajji dhaabdhu,gargaari,jabeessiin...
🍁Osoo namni diin tumsuuf jedhu nama amalli isaa sitti hin tollellee ta'ee isa dhiisii waan inni qabatee dhufe ilaali.🌟
🍁 Jidduu keetii fi jidduu rabbii nagh taasifadhu....

23/08/2025

Obbolummaan barbaada
Eessuma koon dhaqu
Kan haguuggii fikraa
Ummatarraa saaqu!!!!
Gadda bara dheeraa
Dhiiga isaatiin dhiqu
Jara walii galee
Karaa tokko dhaqu
Yaa namni haqqii
Ifa baasuuf warraaqu
Kophaa hin deemu
Kanaaf inni karaa irraa hin maqu
Amriii rabbii guddaa
Gooftticha kaaliquu
Oltaasisuuf deemaa
Qaba bakka dhaqu
Isa akkasiiti kaniin
Arggachuuf carraaqu
Kan ruuhiin wajjiin jiru
Qaamni eessallee dhaquu
Akka qaama tokkooti
Harki miilan hin quuqu
Amrii rabbii waliin baata
Fagoo feetes dhaqu
Wal harkatti dhiisee
wal jalaa hin miliqu
Akkas jedhee nuuf hime
Goofttichi kaaliqu🤔💔💔

21/08/2025

♻️Rasuullii Rabbii [[ﷺ]] Akkana jedhaan Guyya Qiyyamaa😭ilmii Namaa Hundii Qamaa qullaa kan uffata hin qabnee Miila qullaa kan Kophee hin Qabnee Qabiir irraa Kaaffamee Gara Dirreجe Qiyyamattii walittii Qabama Jedhaan Hoggaaa kana Aa'ishaan Hattii Mu'umintotaa (R.A) Akkana jetteen yaa ♻️Rasullallaa[[ ﷺ]] dhirra fi shamaran waal ilalaa moo waal hin Qaanfatanii Jetteen? Rasuullii♻️[[ﷺ]] Akkana jedhaanii Debbisaaniif yaa Aa'ishaa Bar dubbiin Akka har'aa ilalluu kana mitti ilmi Namaa Yeroo qabiir irraa Kaaffamu Lubbuu kiyya Nafsii Nafis jechaa ibidda Jahannam ilalee hundi Namaa akka waan dhugee machaa'eettii Hattii ilmo isii wallaltee Jarsii jartii wallalee Obboleyaan waal Baqatanii waal dheysanii jedhaaniin yaa Obboleyaan koo Rabbiin Guyya Cinqaan Hammattuu san ijaa Rahamatatiin Nu Haa ilalluu yaa Rabbii Namaa Amiiiiiiin jedhee Qeebaliif Namaa godhee qamaa isaa irraatii ibidaa Haramaa godhii Namaa Ergamaa kee irraatii Salawataa Buusee Jannata kesaatii Ollaa isaan Godhii ♻️ اللهم صل وسلم وبارك علی نبينا محمد🤲🏼

20/08/2025

Imaamu Ahmad oggaa du’uu deemuu si booda eenyurraa fatwaa fudhanna ja’aniiti gaafatan ?👇
“Ma’aruuf al kara-khii” irraa furadhaa ja’een.
Ma’aruuf beekumsa guddaa ni qabaa ja’aniin ?!
Inni irra caalaa beekumsaa sodaa Rabbiiti qaba ja’een.!
Guyyaa Tokko Ma’aruuf gaafatan “Akkamitti akkanatti Rabbii wajjiin hariiroo gaarii tana uummachuu dandeeyse , akkamitti gabrichaa gaarii kana Rabbiif taate ja’aniin ?”
Gorsa Ibnu Simaak nama gorsutti jiru Tokkootu qalbii tiyya keessa bu’e gorsa sanitti dalageetiin Rabbiin na filate ja’eeti deebise.
Gorsi sun maali ja’aniin ?
Guyyaa Tokko kuufa keessa osoon deemu jiru masjiida Tokkotti Salaata Asriitiin salaata ja’ee ol seene.
Salaata booda gurbaa nama gorsutti jiru Tokkoon arge.
Lubbuu tiyyaan : isa jala taa’ee dhaggeeyfachuun qabaan ifiin ja’e.
Waan inni nama gorse irraa akkana ja’e :
Namni yeroo garii Rabbii wajjiin tahe yeroo garii ammoo Rabbirraa fagaate = Rabbiiniis yeroo garii fitti dhiheeysa yeroo garii firraa fageeysa.
Namni Rabbirraa guututti gara gale = Rabbiiniis isarraa gara gala.
Namni qaama isaa guutuun Rabbirratti achi gara gale = Rabbiiniis rahamta isaa guutuudhaani isarratti gara gala ja’e.!
Jachi isaa na ajaa’ibsiise ,qalbii tiyya keessaas gad bu’e nattiis ni faaneeyse.
Eeganaa akkanaan ifiin ja’e “Yoo Rabbiin na filate irra caalaa nama sadeenii ka Rabbirratti guututti gara galu saniin tahaan ifiin ja’e.”
Jireenya kiyya guutuu Rabbi jaalachiisuufin isarratti gara gale Rabbiin kiyyaas rahmata isaa bal’aan narratti as gara gale ja’e.
Warra Rabbuma gammachiisuuf jacha duniyaa irra jiraaturraa Rabbiin nu haa godhu.

19/08/2025

Yoom bultiin Takka diigamti..👇
Oggaa nama nuti jaalannu kan qorqorroo Takka wajjiin qooddannu irra keessummaa kabajuu eegalle bultiin diigamti.
Oggaa saahibban keenyaaf irra bareedaa jacha barreeysinee isaan faarsine ,jaarsa alaa laffaa’aa ooleen galatoomi jachuu irraanfanne ,jaartii mana keessa dalagaa oolteen galatoomi jachuu irraanfanne bultiin diigamti.
Oggaa qalaasa bareedaa nama nu ziyaareef dhiheeysine ,warra manaatiif qalaasa cabaa dhiheeysine bultiin diigamti.
Oggaa nama biraa jaalachiisuuf tattaaffi hunda goonee ammoo haadha teenya tajaajiluu ,ilmaan keenya gammachiisu ,jaartii teenyaan jacha gaarii jachu dadhabne diigamti.
Oggaa Media irratti fi alatti warra ifii jaalachuu afaaniin fakkeeysine mana keessatti ammoo qalaasa bishaanii isaaniif dhiheeysu dadhabne bultiin diigamti.
Yaadadhu : bultiin yookan haaskaan teenya irra caalaa qabeenya nuti qabnuuti..guyyaa hunda isaan haa tottoohannu.!

17/08/2025

🔍🧠 Namoonni dhugaan si hubatan ragaa fi ibsa biraa hin barbaadan. Isaan waan ati keessa jirtu qalbii isaaniitiin beeku. Warra si hin hubanneef ibsa kennuun garuu yeroo fi humna kee fixuu malee bu’aa siif hin fidu. Qalbii kee tasgabbeessi, hojii kee itti fufi.🤔

16/08/2025

🪻“Qabxiilee gurguddaa 12 tan Nabii Muhammadiin adda isaan taasisttu Ergamotta biraa irraa ☝️
1. RABBIIN Nabii Aadam irraa jalqabee jira hunda yoo Nabii Muhammad [S.A.W] yero isaanii keessatti ergaman itti amanuu fi isa hordofu waadaa seensise.
2. RABBIIN guddaan badii isaanii isa duraa fi isa boodaas dhiiseefii jira, kunis Nabii Muhammadiifi qofa ture.
3. RABBIIN umrii Nabii Muhammadiin kakatee jira. Beekaa ummata kanaa jedhamee kan beekkamu, '' Abdallaah Ibnu Abbaas '' akki jedhee; "RABBII jireenya nama tokkotiinu hin kakanne yoo jireenya Nabi Muhammadiin taate malee." Ragaa kanaatiifis jecha Qur'aanaa suuraatul Al-Hijr suuraa 15 aayaa 72 irra jiru dhiiheeffate: {(Yaa Muhammad!) Jireenya keettin kakadhee! Dhugumatti, isaan machii isaanii kessa dhama’u.} [Qur'aana 15:72]
4. Mu'jizaan ykn raajiin Nabiyyoota biro yero isaaniitiin qofa daangeffaman yoo ta'u kan Ergamaa RABBII Muhammad immo hanga guyyaa Qiyaamaatti dhaabbataa dha. Inni Qur'aana kabajamaa dha!
5. Ergamtoonni biroo gara ummata ofii qofatti kan ergaman yoo ta'u isaan garuu jinnii dabalatee addunyaa guutuuf ergaman.
6. RABBIIN Nabiyyoota hunda Maqaa isaaniitiin kan waame yoo ta'u Ergamaa RABBII garuu kabaja isaaniif maqaa osoo hin ta'in " Yaa ayyuhannabiyyu " fa'a jechuun yaama.
7. Kannaa Nabiyyoota kaaniif hin kennane isaaniifi kennee jira. kanneen akka boojuu fudhachuu, adeemsa ji'aa tokkotii diinni isa sodaachuu, dacheen marti ummata isaatiif xahaaraa fi masjiida ta'uun, addunyaa guutuufi ergamuu.
8. RABBIIN Ummata isaa caaltuu ummattota hundaa godhuu.
9. Guyyaa Qiyaamaa dursa nama dachiin irraa banamtu ta'uu.
10. Nabiyyoonni hundu guyyaa Qiyaamaa allabaa isaanii jala hiriiruu.
11. Nama dura balbala Jannataa rukutanii galan ta'uu.
12. Shafa'aan guddoon guyyaa Qiyaamaa kan isaanii ta'udhaa
Ikkwāāñi fiiłłãha jzk Allaha ☝️

Address

Awetu
Jimma

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Obsee page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share