20/11/2023
Jaalalli moo'amuudha. Jaalalli sababaan ala ta'anii jiraachuu dha. Jaalalli of hoogganuun ala ta'uudha.
.....Jaalalli sodaachisaadha. Jaalalli madaa hingogne, dhukkuba hin fayyine.... Imimmaan hinqoorre ta'uu danda'a.
Jaalalli waraana male booji'amuudha, harka laachuu....ofirraa adda bahuu, fottoquudha. Addunyaa nama hinbeeknee keessatti fagaatanii godaanuudha.
Jaalala Fakkeessuun hin danda'amu.....
Jaalalli sababa hinbeeku...
Jaalalli dhugaan dhangaa malee daangaas hin qabu.
Jaalala dhugaa waliif qabaadhaa!
*********
Waan dubbistaniif galatoomaa🙏
EElias Taressa JirataTElias Taressa JirataJElias Taressa Jirata