19/09/2026
Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit, Leenjii Miseensota Haaraa Marsaa 66ffaa Kenne
Finfinnee, Fulbana 9/2019 ALI
Leenjiin miseensota haaraa Waldaa Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit, kan torban torbaniin guyyaa Sanbata Xiqqaa kennamu, har’as marsaa 66ffaatiin itti fufee kenname.
Akkuma baratame, leenjicha irratti gaaffileen garaagaraa leenjifamtootaan kaafamanii, deebiin itti kennameera.
“Kaffaltiin wabii lubbuu waggaa waggaadhaan kanfalamaa?” jechuun gaaffiin kaafamees, gaaffilee marsaa leenjii kana keessatti ka’an keessaa tokko ture.
Akkasumas, miseensonni liqii fudhatan erga liqii fudhatanii booda, yeroo liqicha deebisuu qaban dura liqii isaanii cufuu ykn guutummaatti kaffalanii xumuruu ni danda’uu? kan jedhuus gaaffii isa biraa ture.
Leenjicha kan kennan, Itti Gaafatamaa Kutaa Leenjii fi Ijaarsa Dandeettii Waldichaa, Obbo Tashoomaa Baqqalaa yoo ta’an, jalqaba irratti tajaajiloota garaagaraa waldaan kennu, akkasumas mirgaa fi dirqama miseensotaa leenjifamtootaaf ibsaniiru.
Dabalataanis, dhimmoota barbaachisoo ta’an miseensota haaraaf erga ibsanii booda, gaaffilee miseensonni kaasaniif deebii kennaniiru. Miseensonni liqii fudhatan kaffaltii wabii lubbuu hanga liqii isaanii xumuranitti waggaa waggaadhaan kan kaffalan ta’uus ibsaniiru.
Itti dabaluun, miseensonni liqii fudhatan erga liqii fudhatanii booda, yeroo liqicha deebisuu qaban dura liqii isaanii yoo cufan, adabbii ykn kaffaltii dabalataa kamiyyuu akka hin kaffalle ibsaniiru.
Miseensota liqii isaanii dursanii kaffalaniif, waldaan carraa liqii biraa akka isaaniif mijeessuufi, beekamtii olaanaa akka kennuuf kaasaniiru.
Dhuma irratti, Obbo Tashoomaa Baqqalaa, miseensonni leenjii fudhatan gara hojiitti jijjiiranii sirnaan akka itti fayyadaman yaadachiisaniiru. Akkasumas, leenjichi torban torbaniin cimee akka itti fufuus hubachiisaniiru.