06/04/2024
Ulaagaa kamiinuu qeeqni fi jibbi namoota dhuunfaa fi amantaa nama kamiiyyuu xiqqeessu dhaabbachuu qaba🚫
Namootni hedduun isaanii Facebook kanarraa yeroo ammaa amantaa namaa arrabsuun maqaa horachuu barbaadan har’a miti kan eegalan
Yeroo isaan nama dhuunfaa anaan dabalatee cubbuu nutti hin qabneen lafarraa nu balleessaa turan “Ishoo gootakoo, likkii isaa itti himte, Si waliin jirra itti muddi, lafarraa balleessi, ani dhuunfaan yaadakeen deggera…. Menxeqersoo jechaa turan akka isaan gara waan fedhanii deemanii nama arrabsaniif karaa banaa turtan dhaabbadhaa of ilaalaamee.
Jarri kun amala wal fakkaataa qabu, dursanii namoota dhuunfaa arrabsu, itti aansuun ganda namaa arrabsu, itti aansuun amantii hin barbaadne arrabsuu eegalu.
Namootni baayyeen ammoo hanga isaan dhunfaan hin tuqamneetti, gandi isaanii hin tuqamneetti, amantaan isaanii hin tuqamneetti taa’anii ilaalu erga dubbiin jabaattee wacuu eegalu, waca torbaan tokkooti hunduu.
Namootni kun hedduun isaanii hiriyootaa fi fira isaan gorsu hin qaban natti fakkaata, silaa dhiisi adabadhu, afaan qabadhu, akka argite namatti hin dubbatiin jedhanii gorsu.
Qaamni dhimmi ilaalattu maqa balleessii kamiifuu akkasumaas arrabsoo kamiyyuu akka isaan itti gaafataman haala mijeessuu fi seeratti dhiheessuu qaba.
Tokkummaa Oromoo fi walooma keenya kan diigu kamuu dura dhaabbanna.
Hub: Carraa kanaan balleessaa namicha sanaatiif ammallee ganda isaa fi amantaa namichaa tuttuquu irraa of haa qusannu.
Diina Tokkummaa keenyaa haa balaalefannu🙌🏼👏
Suuraa Nagaa Abboomaa