05/10/2024
Waldaan Aksiyoona Daldala Faayinaansii Meeshaalee Kaappitaalaa Oromiyaa Hojjettoota, Qooda fudhattootaa fi Maamiltoota isaa hundaa Baga Ayyaana Irreecha bara 2017 nagan isin gahee jedha.
Ayyaanni Irreechaa kun ,kan nagaa ,kan fayyaa ,kan gammachuu kan badhaadhinaa fi kan hawwiin keessan itti isiniif milkaa’u haa ta’u jechaa irra deebiin baga nagan Ayyaana Irreechaa bara Kanaa geessan isin jedha !WADFMKO .Bara haaraa kanattii ilaalcha gaarii fi miira gaariidhaan kireeffattoota meeshaalee kaappitaala hunda simatee keessummeessuuf qophii guddaa godhee jira.kanaafuu Micro guddatii,Xixxiqqaa,Gidduu galeessa fi Gurguddoo gurmaa’aniif Meeshaalee kaappitaala qabsiisa qabeenyaa (without any Collateral) tokko malee gosoota hojii Manuufakicheringi,Qonnaa ,Industirii fi Tajaajila irratti bobba’anii hojjechuu barbaadaniif “lease financing ” ykn kiraadhaan ni dhiyeessaaf. kanaafuu dameewwan keenya naannoo keessanitti argamu bira deemuun mariisisuudhaan fayyadamaa tajaajila kana ta’a isinin jedha.
IRREECHI IRREE KEENYA!! MALLATTOO TOKKUMMAATI. AYYAANA GAARII!!