Siifaan Oromtitii Waar Tuullammaa

Siifaan Oromtitii Waar Tuullammaa job

Maal goona erga Abiishee Garbaa erga du’e Qadiidaa wannabeet lafa guutee.Kanaaf Imbaaboon, kokor har’a dhokate.karaa sar...
28/09/2022

Maal goona erga Abiishee Garbaa erga du’e Qadiidaa wannabeet lafa guutee.Kanaaf Imbaaboon, kokor har’a dhokate.karaa sareen baafteen waraabessii seenee nama nyaata.Oromoo wal malee fira hin qabdu.! Isa si ciniinuf deemu hunda hin dhungatiin!
Gumaa keessaniif dhugaa keessan waaqni haa baasu.!

Baga torbee irreecha geessanii
23/09/2022

Baga torbee irreecha geessanii

JECHA BEEKTOTAA=======♤♤♤=======1, Kaayyoo fi galma kee bakkaan gahuuf yoo dandeesse fiiguu,dadhabdu tiradhu.dadhabdu fo...
03/09/2022

JECHA BEEKTOTAA
=======♤♤♤=======
1, Kaayyoo fi galma kee bakkaan gahuuf yoo dandeesse fiiguu,dadhabdu tiradhu.dadhabdu foqoqi malee abdii hin kutin.
♧♧♧♧♧♧
2, Nama guddaa hamaa ta'urra,Nama xiqqaa gaarii ta'uu wayya.
♢♢♢♢♢♢
3, Gammachuun kee haalota naannoo kee jiraniin osoo hin taane, Yaada sammuu kee keessa jiruun murtaa'a.
☆☆☆☆☆☆
4, Waan hundumaa amanuuf hin arifatin.sababni,sobni dhugaa irra arifatee gurra si lixaati.
♤♤♤♤♤♤
5, Wanni na qofaa dhufu yoo jiraate hirriiba qofa.
♡♡♡♡♡♡
6, Gaafni kufte gaafa waaqarraa abdii kutatteedha.
♧♧♧♧♧♧
7, Kophummaa injifachuu kan dandeessu hiriyyaa baay'isuun osoo hin taane,Of tahuu yoo dandeesse qofa.
♢♢♢♢♢♢
8, Nama jaallattu of bira tursuuf jattee dadhabina kee dhoksuuf hin rakkatin,Mudaa kee osoo beekuu kan sin baqanneetu dhugaan si jaallata.
☆☆☆☆☆☆
9, Osoo tuulaan liqii sirra jirtuu furdachuun, Liqeessaa tuffachuudha.
♡♡♡♡♡♡
10, Wanni dubbattu hundi dhugaa tahuu qabdi.Garuu,wanni hundi ammoo dhugaa tahuu hin dandahu.
🌹🌹🌹🌹🌹

dubbistaniif galatoomaa.
❤🙏

✅Page following godha 🙋Eenyutu na hateYoo tokkee koo maleeJaalalan saaqateeKan onnee koo galeAni isheeman beekaFurtuu on...
03/09/2022

✅Page following godha 🙋Eenyutu na hate
Yoo tokkee koo malee
Jaalalan saaqatee
Kan onnee koo gale

Ani isheeman beeka
Furtuu onnee kiyyaa
Ishee dhabee oollaan
Ofan jibba fayyaa

Hafuurri ishee anaaf
Nageenya abbooma
Hundumaan guutuudha
Hir'uu hin qabdu homaa

Sagalee ishee anaaf
Weedduu weedduu caaluu
Waan fedhe yoo dhufe
Isheen hin madaalu

Kolfa isheetu anaaf
Madda gammachuuti
Onneen koo in boqotte
Ishee argachuutti

Dha'annaan onnee koo
Maqaa ishee faarfatti
Beektuun koo addadha
Hin qabdu fakkaattii!!

Nama Gaddisiisa😥Of Eeggannoon Haa Godhamu🙏===========================Har'a Magaalaa Finfinnee kondominiyeemii naannoo Bo...
02/09/2022

Nama Gaddisiisa😥
Of Eeggannoon Haa Godhamu🙏
===========================
Har'a Magaalaa Finfinnee kondominiyeemii naannoo Boolee arraabsaatti argamu keessatti hojjattuun manaa tokko daa'imman suuraa irratti argitan kana tokko qaltee tokkommoo huutee ajjeeste jedhan😭. Haati ijoollee gaafa hojiidhaa dhuftu ijoollee ishee du'ani lafa jiran argite. Hojjettun kun kana gootee poolisitti harka kennatte jedhu. Gadda onnee namaa waadudha.😭

Gochan kun namoota baayy'ee irriiba dammaqsa. Warri gargaartota mindeessitanis ta'ee nama biraa mana keessan jiraachistan nama mana keessanitti galu adda baafadha beekaa. Yoo xiqqate eessaa dhifa nama sanaa beekun dirqama. Ijoollee keesanifis of eeggannoo godhaa.

Barri hammaateera adaraa of eeggannoo godhaa! Sammuun namaas waajjira daabiloos ta'aa jira. seexanni karaa hundumaan dhiiga namaa dhugaa jiru Waaqayyo isa haa ifaatu!

Maatii kanaaf gooftan koo jajjabina haa kennu!😥

Gadduu qofaan gadadoo keessaa nama hin baasu! Dhumaatiin Horro guduruu wallaggaa aanaa Amuruu magaalaa   jedhamutti,humn...
01/09/2022

Gadduu qofaan gadadoo keessaa nama hin baasu! Dhumaatiin Horro guduruu wallaggaa aanaa Amuruu magaalaa jedhamutti,humni
shororkeessaa naannoo Amaaraa irraa
dhufe,uummata nagaa irratti, ajjeechaan akka malee,raawwatame baay'ee rifachiisaadha.Hanga
ammaatti hanga namoota 65 kan ta'an,garee kanaan galaafatamaniiru jedhama.Weerara daangaatu geggeeffamaa jira.Aanootiin baay'ees humna kanaan weeraramee akka jiru,ni dubbatama.
Gadheen hammuma lafarra ejjettu
Nama irra eejjetti. Garraamummaan daangaa darbe akka sabaatti nu
tuffachiise.

Eenyutu na hateYoo tokkee koo maleeJaalalan saaqateeKan onnee koo galeAni isheeman beekaFurtuu onnee kiyyaaIshee dhabee ...
01/09/2022

Eenyutu na hate
Yoo tokkee koo malee
Jaalalan saaqatee
Kan onnee koo gale

Ani isheeman beeka
Furtuu onnee kiyyaa
Ishee dhabee oollaan
Ofan jibba fayyaa

Hafuurri ishee anaaf
Nageenya abbooma
Hundumaan guutuudha
Hir'uu hin qabdu homaa

Sagalee ishee anaaf
Weedduu weedduu caaluu
Waan fedhe yoo dhufe
Isheen hin madaalu

Kolfa isheetu anaaf
Madda gammachuuti
Onneen koo in boqotte
Ishee argachuutti

Dha'annaan onnee koo
Maqaa ishee faarfatti
Beektuun koo addadha
Hin qabdu fakkaattii!!

Ishee of taatee ofii isheetin boontuIshee of beekteeAdaa isheen koortuIshee baratteebeekkumsaan lammiif geessuIshee goot...
22/08/2022

Ishee of taatee
ofii isheetin boontu
Ishee of beektee
Adaa isheen koortu

Ishee barattee
beekkumsaan lammiif geessu
Ishee goota taatee
dinni ishee dheessu

Ishee simboo qabeettii
Aadaaf safuu eegdu
Ishee of kabbajchiistee
namaaf kabaja qabdu

Ishee keessi qulqulluu
shiraaf daba hin beekne
Ishee lammii gantee
mana gumaa hin deemne

Ishee harki warqee
haadha ogummaa hedduu
Ishee faara qabeettii
hundumaan bareeddu

Ishee akka kanaa
kan toltee hundaanuu
Oromiyaa irraa malee
eessayyuun argannuu

Fayyaa kee naaf ta'iOnneen koo dhahateeNa buusuuf hallayyaaSi'ii dhibee qabuuAnoo hin qabu fayyaaDhibeen kee na dhibaDhu...
22/08/2022

Fayyaa kee naaf ta'i

Onneen koo dhahatee
Na buusuuf hallayyaa
Si'ii dhibee qabuu
Anoo hin qabu fayyaa

Dhibeen kee na dhiba
Dhukkuba keen aada
Rakkoon kee martinuu
Fayyaa koo na gaada

Si'ii rakkoo qabuu
Natti-n tolu jiruun
Siin si na gaafata
Onneen kootiif tiruun

An nagaa koon ta'u
Si'ii qalbii cabuu
Jiruun siin mijanne
Naafis iddoon qabuu

Situ naaf gaaddisa
Jiruu Kootiif caayaa
Mi'eessituu jiruu
Situ anaaf faaya

Ga'aa naaf gammadi
Toltuu damma daamuu
Dhukkubniif gadadoon
Ga'a sirraa ha caamuu

sittin hima jedheeakkan si jaalladhujaalala dhugaadhaafakkan si dheebodhuAkka ati taateeqarree mucaa manaaduruu waanan s...
22/08/2022

sittin hima jedhee
akkan si jaalladhu
jaalala dhugaadhaaf
akkan si dheebodhu
Akka ati taatee
qarree mucaa manaa
duruu waanan si beekuuf
sammuun koo ni amana
Ati garuu hin yaadduu
Sin jaalladha jettee
Yeroon sitti siqee
obbolummaa seete
jaalalli qaanii hin qabu
Ofiin of hin qabsiisanii
jaalalli utuu hin beekin
kan keessa seenani
Siifookoo tokkittiikoo
Ishee keessikoo jaallate
itti himachuu yaadee
haalashee sodaatee
maal jedheen siif hima
Akkamitti hubattaa
yoon sin jaalladha jedhe
Siif qoosaa fakkaata
Obboleessaaf obboleettii
Taana jennee waliigallee
Jaalalli na qabanaan
Akkasaan wal'aaalee
Amma nan murteeffadha
yookiin suman dhiisa
obbolummaa sobaa
maafan si gowwomsaa
yookiin sittan hima
akkan siin nyaatame
jaalala dhugaadhaan
akkan liqimfame.
Garuu naa beeki siifo
Si jalaa miidhameeraa
jaalala koo dhoksee
Dhibamaa ta'eera.

Naafii godhaa

Address

Dubai

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Siifaan Oromtitii Waar Tuullammaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Siifaan Oromtitii Waar Tuullammaa:

Share